'Waamicha haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu ni fudhanna'-Humnoota Tigraay

Loltoota Tigraay

Madda suuraa, Getty Images

Humnoonni Tigraay waamicha Gamtaa Afrikaa (AU) dabalate hawaasni idil-addunyaa haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabaa jedhu nan fudhadha jedhe.

TPLF ibsa Onkolooleessa 16, 2022 baaseen, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN), Gamtaan Afriikaa (AU), US fi Gamtaan Awurooppaa (EU) hawaasni idil-addunyaa biroo waamicha ‘‘dhukaasni atattamaan akka dhaabbatu jechuun Fulbaana 11, 2022 baasne deeggaruun fudhatanii ture.

"Haata’u malee, ammallee hojiin qabatamaa kana dhugoomsu hin raawwatamiin jira," jedhe.

Gamtaan Afrikaa ibsa Onkoloolessa 15, 2022 baaseen waraanni kaaba Itoophiyaa cimee itti fufuun akka isa yaaddesse himuun, dhukaasni haal-duree tokko malee dhaabbachuun tajaajiloonni namoommaa akka deebiyanii eegalaniif waamicha taasiseera waamicha taasiseera.

Qaamooleen wal waraanatti jiran marii Gamtaa Afriikaatti Bakka Bu’aa Olaanaa Gaanfa Afriikaafi deeggartoota hawaasa idil-addunyaatiin Afriikaa Kibbaatti marii kallattii taasisuuf yaadameen  mariitti akka deebii’aniif Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaamaat gaafateera.

Akkasumas, Ameerikaa, Gamtaan Awuroppaafi UN waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun, yoo finciltoonni humnoota Itoophiyaafi Ertiraatiin magaalaa keessaa dhiibamanii baafaman namoonni nagaa miidhamuu malu jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

TPLF ibsa isaa kanaan, yoo waraanicha dhaabsiisuun harkifate kanatti naannichatti balaan namoomaa daran hamaa ta'e mudachuu akka malu kaaseera.

‘‘Waraana nuti dirqamnee ummata keenya baduu irraa oolchiif itti galleen wal qabatee, rakkoon namoomaa cimaan umameera,’’ jedhe ibsi TPLF kun.

Ummata naannoo Tigraay miiliyoona jahaa ol ta'u keessaa kanneen harka 90 ol ta’an deeggarsa namoomaa akka eeggatan ragaaleen dhaabbilee deeggarsaa irraa argaman ni mul’isu.

‘‘Ta’e jedhanii namoota nagaa ajjeessuun, seera idil-addunyaa cabsuu qofaa osoo hin taane, mirga namoomaa sarbuudhas. Osoo adda hin baafatiin haleellaan qilleensaarraa namoota nagaa irratti xiyyeeffatamees magaaloota, ollaawwaniifi manneen barbadeesseera,’’ jedha.

Haata’u malee, ajjeechaan, dirqamaan gudeeduun, buqqaatiifi beellli ummatarra gahaa jiru to’annoo raadarii addunyaatii gadii ta’eera kan jedhe ibsi humnootii TPLF kun, kunis ‘‘qaama duula gocha duguggaa sanyiitii’’ jechuun himateera.

Himannaawwan humnootiin Tigraay mootummaa Itoophiyaafi Eritraa irratti dhiyeessan kanaaf yaadni gama lamaaniinuu hanga ammaatti kenname hin jiru.

Taankii waraana kaaba Itoophiyaatiin barbadaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaa Itoophiyaa marii nagaa hoggansa Gamtaa Afriikaatiin torban lamaan dura Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture irratti hirmaachuuf hayyamamaa ta'uu ibsuun isaa ni yaadatama.

Gama biraatiin, yeroon kun wakti midhaan itti sassabamu gahe ta’ulleen sababii waraannii Tigraay kallattii gara graatiin gaggeeffamaa jiruuf sassaabuun hin danda'amne. "Kun attamaan yoo dhaabbachuu baate, rakkoon namoomaa naannicha keessaa caalaa akka hammaatu taasisa."  

Kanaaf, hawaasni idil-addunyaa ‘‘atattamaan waraannii akka dhaabbatu mirkanneessuu ykan ammoo ummanni Tigraay gocha duguggaa sanyii itti dhuferraan akka of ittisu gargaaruu’’ keessaa tokko filachuu qaba jedhe ibsi TPLF baase kun.

"Nageenyi Tigraay keessa jiraatu malee, Itoophiyaa keessa gonkumaa nagana hin jiraatu," kan jedhe ibsi TPLF kun, yoo atattamaan waraanichi hin dhaabsifamu ta’e ummanni Tigraay lubbuun jiraachuu mirkaneeffachuuf loluu itti fufa jedhe.

TPLF dhukaasa dhaabuu atattamaa kan fudhatuufi itti waliigalu ta'uu himuun, hawaasni idil-addunyaa waraanni Ertiraa Tigraay keessaa akka bahuuf akka dirqisiisu, dhukaasa dhaabuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudahtuufi mootummaan Itoophiyaa gara marii nagaatti akka dhufuuf dhibbaa akka taasisuuf gaafateera.  

Gama biraatiin ammoo Dursaan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US Boob Mendeez mootummaan Itoophiyaafi TPLF atattamaan dhukaasa dhaabuu baannaan wixinee seeraa bara 2021 keessa Itoophiyaarratti dhiyeessee ture akka murta’u gochuufan hojjedha jedhe.

Wixineen seeraa Itoophiyaatti Nagaafi Dimokiraasii Jajjabeessuu [‘S.3199-Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act of 2021,’] jedhamu kun warra carraaqqii waraana dhaabuun nagaa buusuuf taasifamutti gufuu ta’an ykn qaamoleen waraana Itoophiyaa keessatti hirmaataniif meeshaa waraanaa dhiyeessan irratti tarkaanfiin adabuu akka fudhatamu godhudha.

Aanga'aan kun ibsa Onkololeessaa 15, 2022 baasaniin, “Walitti bu’insi, beelliifi hanqinni wallaansa fayyaa kaaba Itoophiyaatti mudate erga waraanni Sadaasa 4, 2020 jalqabee kaasee Tigraay keessatti qofa lubbuu miliyoona walakkaatti tilmaamamu galaafateera.