Lola Tigraay: Magaalota Oromiyaa tokko tokkoofi naannolee birootti hiriirri dhaaba ABUT balaaleffatu adeemsifamaa jira

ummata hiriiraaf bahan

Hiriirri dhaaba naannoo Tigraay bulchaa jiru ABUT balaaleffatuufi tarkaanfii mootummaa Federaalaa deeggaru, Itoophiyaa magaalota garaagaraatti adeemsifamaa jira.

Yaaddoo nageenyaa fi dhibee Covid-19 walqabatee hiriirri akka hin adeemsifamneef, guyyoota darbanitti namootni kallattii garaagaraan yaaddoo qaban ibsaa turaniiru.

Haa ta'u malee naannoo Oromiyaa keessaa magaalotni Jimma, Aggaaroo, Beddellee, Harargee Bahaa Aanaa Meettaa akkasumas naannoo Sidaamaa magaala Hawaasaa fi naannoo Somaalee Jigjigaan iddoowwan hiriirri kun itti adeemsifame keessatti argamu.

Sadaasa 03 haleellaa mootummaan raayyaa ittisa biyyaa izii Kaabaa irratti raawwatame jedheen duuba, lolli kallattii qaamolee lamaan jidduutti dhalate.

Jiraataan aanaa Gommaa Obbo Balaay Dheeressaa "haalli namni raayyaa ittisaa keenya cinaa dhaabbachuuf magaala Aggaarootti bahee jiru waan dinqisiisaadha" jechuun BBCti himan.

Hiriira kana irratti kutaaleen hawaasaa garaagaraa lakkoofsa olaanaa qabu hirmaachaa akka jiran kan himan Obbo Balaay, "sababni hiriira kanaa 'TPLF' raayyaa ittisaa keenya irrattis rakkoo bal'aa waan uumefi," jedhan.

Dhaadannoowwan "raayyaa ittisaa keenya cinaa ni dhaabbanna, 'TPLF ni balaaleffanna fi 'TPLF' diina keenya" jedhan dhagahamaa akka jiran jiraataan kun dubbatan.

"Raayyaan ittisaa keenya nu jalaa tuqamuunsaa balaaleffanneerra" kan jedhan jiraattun magaalaa Aggaaroo BBCn haasofsiise aadde Faaxumaa Jibril, miidhaan raayyaa ittisaa irratti qaqqabe uummata kan miidhe ta'uu himan.

Presentational grey line

Odeessaalee kanaan walfakkaatan kanneenillee dubbisuu maltan:

Presentational grey line

Mootummaan federaalaa mariif qophii akka hin taane himaa turullee, ammatti haal-dureewwan mariif barbaachisu jedhe kaa'eera.

Hiriirichaan walqabatee rakkoon nageenyaa akka hin uumamneef qaamoleen nageenyaa ramadamuu fi of eeggannoon adeemsifamaa jiraachuu kan himan immoo, itti gaafatamaa waajjira dhimmoota komunikeeshinii aanaa Gommaa Obbo Abdii Mahaammadnurdha.

Hiriirri dhaaba ABUT balaaleffatu fi tarkaanfii mootummaa federaalaa deeggaru naannoo Amaaraa keessatti waammamee turus sababa yaaddoo nageenyaan gara yeroo biraatti akka darbu taasifameera.

Bulchiinisi magaala Finfinnees hiriirri walfakkaatan akka adeemsifamu beeksisuunsaa ni yaadatama.

Kutaalee biyyattii garaagaraatti arjooma dhiigaa dabalatee deeggarsi meeshaalee garaagaraa raayyaa ittisaaf taasifamaa jira.

Gama biraatiin waraanni mootummaa federaalaa fi dhaaba naannoo Tigraay bulchu gidduutti adeemsifamaa jiru guyyoota sagal lakkoofsiseera.

Sababa lola kanaatiin, lammileen Itoophiyaa 6,000 ol ta'an waraana kana dheessanii daangaa ce'uun, Sudaanitti baqachuu aanga'ootni biyyattii himan.

Dhaabbanni biyyoota gamtoomanii namoonni hanga miliyoona 9 balaa qe'eerraa buqqa'uuf saaxilamuu malu jedheera.

Hoggantoonni fi dhaabbileen addunyaa gara garaa qaamoleen lamaan lola dhaabanii gara mariitti deebi'uun rakkoo uumame karaa nagaa akka furan dhiibbaa gochaa jiru.