Waraana Tigiraay: 'Hanga haal-dureen keenya guutamutti Affaariifi Amaaraa keessaa hinbaanu' - Geetaachoo Raddaa

Getachoo Raddaa

Madda suuraa, Anadolu Agency

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa raayyaa ittisa biyyaa fi kaan TPLF lolan hanga magaalaa Finfinneettis tahu hordofuun akka waraanaa itti fufan BBCtti himan.

Kaayyoon waraana isaanii mootummaan federaalaa akka deeggarsi namumaa hin dhiyaanne fi qunnamtii naannoo Tigiraay irraa kute haga deebisutti akka itti fufan dubbatan.

Gareen paarlaamaa Itoophiyaan galmee shororkeessaa ka'ame TPLF baatiiwwan sagal darbaniif humnoota mootummaa Itoophiyaa lolaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa humnootni TPLF deeggarsa gara naannoo Tigiraayitti ergamaa ture Affaar keessatti hulaa cufuun akka barbaadeessanii fi danqaa tahaa akka turan hima.

Raayyaan Ittisa biyyaa fi humnootni addaa naannolee waliin tahuun humnoota TPLF mootummaan ''shororkeessitoota'' jedhe waraanaa jiru.

Haa tahu malee Geetaachoon haala waraanichaa yoo himu, ''milishoota osoo leenjii gahaa hin argatiin guutummaa kutaa biyyattiirraa dhufan gara irraa dhufanitti deebisuu dandeenyeerra,'' jedhan.

''Nuti daangaa keenya harka caalu deebifannee jirra; humnoota Amaaraa lafa baballifachuuf bobba'an, humnoota Ertiraa hanga tokko, akkasumas humna raayyaa ittisa biyyaa idilee Tigraay keessaa baafnee jirra.''

Erga waraanno naannoo Kaaba biyyattii Tigiraay keessatti ji'a Sadaasaa keessa eegaleen as naannoo Tigiraay keessaa tajaajilli ibsaa, interneetii fi bilbilaa yeroo adda addaatti dhabamuun odeeffannoo argachuufillee rakkoo tahee ture.

Bu'uuraalee misoomaa naannoo Tigiraay keessaa humnootni TPLF akka barbadeessan mootummaan Itoophiyaa himaa ture.

Deebisee suphuufis Birrii gara biliyoona 100 tahu baasii gochuu himeera. Kun baasii waraanaaf bahe akka hin dabalanne ibsuun.

Humnoonni Tigraay dhukaasa dhaabuu dura akka haal - dureetti kanneen kaa'an keessaa tokko tajaajiloonni bu'uuraa Tigraayitti adda citan akka banaman kan jedhudha.

Hanga sagaleen qawwee hin dhagahamnetti...

Mootummaan Itoophiyaa gar-tokkeen dhukaasa dhaabuu erga labsee gochaa TPLF akka balaaleffatanii fi dhukaasa dhaabaniif dhiibbaa akka godhaniif hawwaasa idil adunyaaf waamicha godhee ture.

Eddoowwan amma lolli kaabaa biyyatiitti gaggeefamaa jiru

Geetaachoo Raddaa garuu ammas ''haalduree barbaachisu kaa'uudhaan hanga karri Tigraayitti cufamee jirutti dhiibbaa goonu ittuma fufna,'' jedhan.

Waraanni kun gara naannolee ollaa akka Affaariifi Amaaraatti babal'ateera. Humnootni TPLF tibbana naannoo Amaaraa keessaa akka Waldiyaa fi Laalibelaa qabachuu himaniiru.

BBC'n waraana akkasii aggeessaa osoo jirtani akkamiin karri cufame akka banamu eegdu jedhee gaaffii dhihesseef ''wanta nuti hojjechaa jirru humna waraanuu diinaa dadhabsiisuudha.

''Yoo humni Abiy Ahmadiifi humnoonni Amaaraa lafa baballiffataa jiran gidiraa hin dubbatamne ummata keenyarraan gahuu itti fufu ta'e, hanga akka sagaleen qawwee isaanii dhaga'amuu hin dandeenye mirkaneeffannuutti deemna,'' jechuun deebisan.

''Karaan akka sagaleen qawwee isaanii itti hin dhaga'amne gochuu dandeenyu ammoo bakka isaan gahanitti duukaa bu'uudhaan waan gochuun barbaachisu gochuudhaan.

''Kanaaf, gara Amaara deemanis, gara Affaar deemanis ykn ammoo gara Finfinnees ta'e eessayyu deeman'' himan.

Waraana qaamolee lamaan gidduutti deemaa jiru baqachuun uummanni hedduun bakkeewan adda addaa Kaaba Walloo irraa gara magaalaa Daseetti galaa akka jiran kantiibaan magaalitti BBCtti himaniiru.

Waraanni kun eessatti dhaabbata kan jedhu ammatti ifa miti. Mootummaan Itoophiyaa garuu ibsa karaa Waajjira Ministera Muummee baaseen ''hanga TPLF galmee seenaa irraa haqamutti,'' tarkaanfiin akka irratti fudhatamu ibse.

Geetaachoo Raddaa waraanichi ''hanga Abiy abjuu isaa hojiirra oolchuuf yaaduu hin dhiifnetti bakka deemamu mara ni deemna.

''Ertiraan ammallee nageenya ummata keenyaa balaarra buusaa jira waan ta'eef hanga deemamuun barbachisutti deemnee akka Abiy deebiyee ummata keenyaaf yaaddoo ta'uu hin dandeenye mirkaneessinutti hojjenna,'' jedhan.

Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Madda suuraa, AFAR COMM

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Affaarittis lammiileen 70,000 ol buqqa'u kan ibsame yoo ta'u haleellaa raawwateen lammiileen nagaa miidhamuun gabaafameera

Mootummaan Itoophiyaa qondaalota TPLF hedduu humnaan mootummaa aangoo irraa fonqolchuuf hojjechaa jiran jechuun himateera.

Geetaachoon mootummaa humnaan jijjiiruun kaayyoo keessanii jedhamee gaafatamee ''dhugaa dubbachuuf kun qaama karoora keenyaa miti garuu, adeemsa nuti kaayyoo keenya galmaan ga'achuuf taasifnu keessa Abiy kaafamannaan sun dhimma ummataati,'' jedhan.

Akkuma lolli kun baballataa jiruun akka UN jedhutti naannolee Amaaraafi Affaar keessaa namoonni kuma 250 ol buqqa'aniiru. UN kanarraan ka'uun TPLF akka lola dhaabuuf gaafateera.

Geetaachoon kana yoo deebisu ''nuti hawaasni addunyaa naannolee Amaaraafi Affaar bakka humnoonni keenya jiran dhufanii gargaarsa namoomaa akka taasisan waamicha taasifneerra.

''Fedhii ummata Amaaraatiif waliin hojjechaa jirra. Caasaa bulchiinsa isaanii hin diigne,'' jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa raayyaan ittisa biyyaa fi humnootni addaa naannolee humnoota TPLF irratti ''tarkaanfii isa dhumaaf keessa deebii hin qabne'' akka fudhatan kallattii kaa'uu ibseera.

Mootummaan Itoophiyaa humnootni TPLF biyya diigquuf hojjechaa jiru jechuun himata. TPLF humna biraa mootummaan Itoophiyaa ''shororkeessaa'' ittiin jedhe WBO waliinis wal deeggaruun hojjechuuf waliigaluu ibseera.

Erga ji'a Sadaasaa keessa waraanni naannoo Tigiraayitti jalqabee as uummatni miliyoonaan lakkaa'amu qe'ee isaarraa buqqa'ee kumaatamnis waraanicha gidduutti lubbuu dhabaniiru.